Seenaa Koloneel Alamuu Qixxeessaa (1907-2001)

Tolchaa Wagiitiin

Alamu QKoloneel Alamuu Qixxeessaa dargaggummaa isaanii irraa eegalee, hanga gaafa adeemsa isaanii fixanitti (09/11/2001) Umani Oromoo gabrummaa Habashotaa jalaa ba’’ee abbaa biyya isaa akka ta’u, murannoodhan hojjataa akka turan dhaloonni ammaa kun ragadha. Kabajamaa Koloneel Alamuu Qixxeessaa, abbaa isaanii obbo Qiixxeessaa Yaadate fi haadha isaanii addee Haayyuu Roobii irraa Bitooteessa 5, bara 1907 Walitaajjii Oromiyaa anaa Jalduu ganda Goojjoo keessatti dhalatan. Koloneel Alamuun Qixxeessaa bakki isaan itti dhalatanii guddatan, magalaa Jalduu fi nannoo biroo manni baruumsa hammayyaa, waan hin jirreef mana barnoota Qeesii seenanii barataniiru. Abban isaanii obbo Qixxeessaa yaadatee, ilmi isanii akka isanii baratu, waan barbadaniif, gara Finfinnetti eerganii akka raayyaa warana biyyitti keessatti qaxaramu godhan. Koloneel Alamuun yeroo sanatti raayyaa waranaa “Kubuur Zabanyaa” jedhamee beekamu keessatti qaxaramanii hojjataa osoo jranii gama tokoon ammoo barnoota ammayyaa fi afaan Faaransaayii barachuu eegalan.

Mootummaa sirna goonfoo keessatti qaxaramanii osoo hn bubbuliin maqaa ajajaa 50 gonfotanii osoo jiranii, gara warana “Maa’icaaw” akka duulan godhaman.Warana Maa’icaaw kan Xaalyaanii waliin godhame kana irratti, Koloneel Alamuun luka isaanii, rukutamanii gara biyya dhaloota isannii gara Jalduutti galan. Jalduutti galanii maatii isaanii waliin osoo jirataa jiranii, biyyittiin Warana Xaalyanitiin weeraramitte.

Koloneel Alamuun jaginummaa fi gotummaa umaman qabaniin warana Xaalyanii, isa hanga funyanitti hiidhatee jirun, diinni adii fi gurracha hinqabu? jechudhan warana Xaalyaanii qabsoo hiidhannotiin falmuutti qajeelan. Lolaa osoo jiranii bara sana dhiibee qorchii, hin argaminneef kan ummata hedduu fiixaa ture dhiibee “Taasiboo “jedhamee beekamun qabaman.

Koloneel Alamuun dhiibee kan irraa akka caarraa ta’ee irraa fayyan illee, abban isaanii obbo Qiixxeessaa yadatee fi haatii isanii addee Haayyuu Roobii dhiibee kana irraa fayyuu hin dandeenye. Lameen isaani iyyuu guyyaa tokkotti ijoollee isaanii koophatti dhiisanii adunyaa kana irraa darban. Guyyaa tokkotti haadha fi abbaa isaanii kan dhaban, Koloneel Alamuu irratti gaddi, dachaa dhachadhaan irratti fe’ame. Obbolewwaniif maatii isaanii hunda jirachisun dirqii itti ta’e. Haala kanan maatii jirachiisaa osoo jiranii gotoota Jalduu kan Xaalyaniin lolaa jiran waliin walitti dabalamanii lolaa osoo jiranii harka warana Xaalyanitti kufan.

Waranni Xaalyaanii, Koloneel Alamuu Qixxeessaa irratti murittii du’aa murteesse. Koloneel Alamuun guyyaa ajjeeefamuu isanii osoo eeggachaa jiranii, Xaalyaniin gama tokkoon Jalduu keessatti Warana Xaalyanii barbadeessaa kan turan, gotoota Oromoo kan Dirribsaa Faayyisaa Nagarootiin hoggnamuun akka harka isaanii keennatan kadhachaa waan turaniif, gonni Oromoo Dirribsaa Faayyisaa Xalyanidhaan “nama kiyya qabiddanii kana isiin harka jiru, Alamuu Qixxeessaa gadi-lakkifiittan malee harka kiyya hin keennu! jedhe.

Xaalyaniin Gotoota Oromoo Dirribsaa Faayyisaatiin hogganaman of harkatti galfachuuf jecha, Alamuu Qixxeessaa kan duuti itti murtawe, mana hiidhaa isanii keessaa basanii gadi dhiisan.

Koloneel Alamuun akkuma mana hiidhatii hikkamaniin, gara birootti osoo hin goriin Warana Diribissaa Fayyisaatiin hogganamutti dabalama. Gonni Oromoo Dirribsaa Faayyisaa Alamuu Qixxeessaa eerga mana hidhatii hiiksifateen booda, gootota bara sana nannoo Jalduutti argaman, kan akka Xanqeessaa Keelloo, Mi’eessaa Jombaa, Niigissaa Faajjii, Diinqaa Urgoo fi kanneen biroo waliin warana Mosoloonii kan Jalduu keessa Qubatee jiru irratti lola banudhan hanga dhumatti lolaa turaniiru.

Tafarii Mokonnoon (H/ Silaseen) akkuma Xaalyaniin biyya waggaa 5f qabattee turte gadi dhifiteen biyya itti baqate irraa gara angoo isaatti deebi’e. Gotonni Oromoo waggaa 5n guutuu kan Xaalyaniin falmaa turan kan akka Kabbaddaa Buzunaash fa Angootti deebi’uu H/ Silasee mormaa akka turan keessa beekitonni ni dubatu.

Koloneel Alamuun akkuma Mootummaan Sirnni gonfoo dhabbateen mana barnoota akkadamii warana “Hoolotaa” seenaanii barataniiru. Bara 1944 gara kaaba Ithiopiyaa “Ambalagee” bakka jedhamutti akka duulan ajajamanii rasaasan rukutamaniiru. Koloneel Alamuun mana Barnoota akkadamii warana Hoolotattii barsiisaa ta’ani waggoota lamaa oliif hojjataniiru. Koloneel Alamuun Bulichiinsa Mootummaa H/ Silasee keessatti sadarkaa gadii irraa egalee hanga Sadarkaa oliitti hojjataniiru. Hojii isanii kana keessatti, Mootumman sirnna gita-bitoota Habashootaa ilaalichi Oromoo fi lammii Oromotii qaban akka garitti hubataniiru. Koloneel Alamuun Oromoo ta’uu isaanii irraa kan ka’een, bulchiinsa mana warana biyyitti keessatti isaanifi Oromoota raayyaa ittisa biyyitti keessa jiran irratti, kan rawwatamaa ture haala qabatamadhan argaa turaniiru.

Maaccaa fi Tulamaa

Qabsoon Ummani Oromoo bilisummaa isaaf godhu kanaaf daandii kan saaqae, hundeeffama Maaccaa fi Tulamaa akka ta’e hubatamadha. Maaccaa fi Tuulamni Mootummaa sirna naafixanyootatiin gaggeefamu keessatti, ummata Oromoo magalaa fi baddiyyaa Oromiyaa keessatti Waroon saliphiinaa irratti diririfamee jiru jalaa basuuf, Wareeggama barbachiisu mara kaffalanii dhaloota harraa kana biran gaahaniiru.

Rakkoo Ummani Oromoo qabu, amma tokko irraa saliphisuuf, misooma maqaa godhatee kan dhabbate kan keessatti, Koloneel Alamuun caalqaba irraa eegalalnii hanga gaafa adduyaa kana irraa darbanitti, gaafa tokkollee dadhabe osoo hin jedhiin Presedaantii Waldaa kanaa taanii halkani fi guyyaa hojjataa akka turan seenaan raggadha.

Koloneel Alamuun, Barreessaa Waldaa kanaa kan turan H/ Mariaam Gammadaa waliin ta’udhaan Oromoni bebeekkamoo ta’an akka waldaa kana keessatti miseensaa ta’an halaan irratti hojjataniiru. Isaan keessaa Jeeneeraal Abbabaa Gammadaa Jeneraal Tolaa Badhadhee Jeeneeraal Jagamaa keelloo Dajazimaach Dani’eel Abbabaa (ilma Raas Abbabaa Haaragayi) Kabbadaa Buzunaash fi kan biroo miseensa gochuun yeroo itti hin fudhanne.

Akkeekinni Waldaa Maaccaa fi Tulamaa Beekumsaa fi qabeenya qaban wareeganii Ummata Oromoo duukkana keessa jira kana keessaa, gara ifaatti baasuu waan ta’eef, kan lafa qabu lafa isaa kennee, akka manni baruumsaa irratti banamu waan walii galameef caalqaba duraatiif gochaan kun Koloneel Alamuu Qixeesatiin hojii irra ooleera.

Mana Barumsaa Jalduutti Banuu

Koloneel Alamuun bakka dhaloota isanii nannoo Jalduu, manni barumsaa tokkollee waan hin jirreef ijoolleen anaa Jalduu akka barnoota ammayyaa barattee ija banattu lafa magalaa Jalduu qaban irraa kaare meteera 10,000 ol eebbisaanii ummata Jalduuf keennudhan manni barumsaa kutaa 1-6 tti bananiiru. Haluma kanan, Kabbadaa Buzunash Misooma aada’aa bargaa fi goroo Makootii kaare meetra 20,000 yokeennan miseensonnii fi hogganoon Waldaa Maaccaa fi Tulamaa duursanii qabeenya fi huminna isanii waakki tokko malee wareeganiiru.

Waldan Maaccaaf Tulamaa hogganummaa Koloneel Alamuu Qixxeessaa jalatti, yeroo gababaa keessatti ummata Oromoo yoo gaammachiisu, H/ Silasee fi kanneen isaan marsanii jiran mara ,yaddoo keessa isaan galicheera. Waldan Maaccaa fi Tulamaa Xiyyeeffannan isaa inni guddaan, Ummata Oromoo barisiisuu irratti waan ta’eef ummani Oromoo ammoo, yoo of bare, akka isaan harkaa ba’u, waan beekaniif adeemsa Waldaa kanaa gababiisuu akka qaban murteefataniiru.

Keessattuu Waldan kun of keeessatti hammatee kan qabu (Hoggantoota Waranaa, hojjatoota Motummaa, baratoota fi Qotee bulaa Oromoo akkasums kan akka Saba Oromoo cunquursaa habashootaa jala jiran Sidamaa, Walaitaa …) waliin ta’uun hedduu isaan yaddeeseera.

Koloneel Alamuu Qiixxeessaa H/ Silasee biratti ija hamadhan ilalaamaa turaniiru. Sababiin isaas yeroo Oromooni Raayyaa of irratti lolataa turan Waranni meeshaa ammayaa hidhate, itti duuluu hin qabu! kun biyyaa keessaa waan ta’eef kan biyyaa keessaa Poolisii ta’uu qaba waan jedhaniif, Mootummaa H/ Silasee biratti waamamanii diniin cimaam eerga keennameefiin booda, guddiin karaa seera mana waranatiin keennamuu malu hunda, hanga Waggaa 5 tti akka hin kennaminneef godhamanii, bakka duraan ramadamanii hojjataa turaan irraa gara biratti akka jijiraman godhamaniiru. Gara biroon ammoo haala Waldaa Maaccaa fi Tulamaatin wal qabateen H/ Silaseen hogganoota Waldaa kanaa Jeneeral Taddasaa Birruu fi Jaarsolii beebekamoo Arsii waliin H/ Silasee irra, yeroo dhiyatan Koloneel Alamuu Qiixxeessaa sodaa tokko malee H/ Silaseedham ati maa Oromummaan nu yakkitaa? ati Oromoo miti? yeroo jedhaniin, H/ Silaseen isa eenyutu nutti himi? siin jedhe jedheen jedhama.

Ajajaa Dhibbaa Abarraa Alamuu (Ilma isanii isa hangafa)

Ajajaa dhibbaa Abarraa Alamuu ilma Koloneel Alamuu Qixxeesa isa durati. Abarraan ajajaa dhibbaa ta’ee Asmaratti ramadamee hojjataa osoo jiru, akka caarraa ta’ ee bara lola Jeeneeraal Mangistuu Niwaay, Finfinnee yeroo dhufu, lola kan afaan bu’e. Abarraan lola kana irratti gara Mootummaa H/ Silasee goree lolaa osoo jiruu warana Garmamee fatiin ajjeefame.

Koloneel Alamuun ilmi isanii lola isaa hin mallee, kana irratti du’uu isaa bayyee akka gaddan keessa bekitoonni ni dubatu. Dhimma Waldaa Maccaatiin yakkamanii yeroo Kaabinoota H/ Silasee irra dhiyatan, lola irratti yeroo lama rukutamanii waan turaniif “luuka koo yeroo lama isiniif keennera! Ilma koo Abbarraa isiniif kenneera akka lammii Oromoottii ijaaraminnee biyya keenya keeessatti misooma, guddisuun maaf yakka isiin biratti ta’e?” jechun gaaffii deebii hin argannee hoggantoota Mootummaa H/ Silasee tii dhiyeesaniiru. Ilmi isaani Abbarraan Mootummaa isaanitiif du’uu isaa hedduu akka gaddaan keessa bekitonni ni dubbatu. Hata’uu garuu Hogganummaa isanitiin kan dhalate waldan kun, akka dhabamee badu, kaabinoota H/ Silaseetiin hoggantoonno waldaa kanaa, soban yakkanii adabbiin adda addaa yeroo irratti murtawu, Koloneel Alamuu irratti murtiin adda addaa sadii (3) irratti muraweera Hiidhaa ciimaa waggaa 10 Maqaan isaanii Koloneelummaan akka irraa muliqamu.

Yeroo mana hiidhatii hiikkaman mirgi eenyummaa akka waggoota shaniif irraa mulqamu, kan jedhu itti raggasifame. Koloneel Alamuun akka Ummani Oromoo isaan arguu ykn gafachuu hin dandeenyeef faggeessanii Gondoor magalaa Dabira-taboritti akka hidhaman godhaman. Yeroo Mootummaa H/ Silasee kaabinoota isaa waliin wal qabatee gara awwala isati qajeelu, hoggantooni waldaa kanaa hundu mana hiidhati hikamaniiru.

Erga mana hiidhatii hikkamanis Ummani Oromoo akka blisummaa isaa gonfatee abba biyyaa isaa ta’u, bakkoota adda addatti analewwan fi kutalewwan Oromiyaa keessa nanawanii keessattuu bara 1991/1992 barsiisaa turaniiru. Ibsa isaan, waajiraa ABO yeroo sanaa, Gullallee jiru dabalatee isaan keennaa turan, Mootummaa wayyanee biratti isaan balaleefachiisu illee, sodaa tokko malee ummata kanaaf of keennanii hojjataa turaniiru.

Bara 1992 keessa, matan wayyanee Mallas Zenaawii bakka jirutti, wamamanii osoo waliga’ii irra jiranii bakka bu’aa OPDO yeroo sanaa kan ture, Kumaa Dammaqqisaa Ummata Oromoo kan diigu, kan akka keessanii kana yeroo jedhaniin Sodaa kan hin beekinne Alamuu Qiixxeessaa, “Yeroon ani mirga Oromooti falmuu calqabu ati hudduu kee hinxaraganne”! Jedhanii waliga’ii sana irratti kumaa saliphiisanii akka gadi teesisaan, namoonno walga’ii sana irratti argaman kan dubataniidha. Koloneel Alamuu bara jireenya isanii yeroo hedduu mana isanii dhaqee waliin dubbachuu caarraa argadheera. Abbaa kiyya waliin nannoo tokkotti waan waliin guddataniif walitti dhufeenya qabu. Akkuma ABOn Mootummaa Ce’uumsa keessaa ba’een ijoollee Oromoo rakkoon irra ga’ee hunda gargaraa turan. Anaafis gargarsa nagodhaniiru. Yeroo sana waan lama isani irraa dhaga’eera.

1. Oromon tokko ta’u malee, mirga isaa argachuu akka hin dandeenye, dhaabbilleewwan Oromoo blisummaa Oromootiif falman akka tokkoo ta’an irratti hedduu dhamaaniiru. Bakka deeman hundatti, Oromoon osoo lagaafi Amanitidhan wal-hinqodiin harka walqabatee ka’u malee, rakkoo amma jiru keessaa ba’uu akk hin dndeenye hubachiisaa akka turan bara jireenya isanii dubbii isaan godhaa turan Videoo ilaluun ga’adha.

Bara 1994 dhabbilee blisummaa Oromoof qabsa’an lameen walitti fiduuf hedduu akka yalaa turan afaan isaanii irraa dhagaeera. Keeniyaa Nairobii keessattii ABO fi IFLO walitti fiduuf beellama qabatanii yeroo isaan Oromiyaa irraa Naa iroobitti argaman, Gara ABO tiin Galaasaa Diilboo yeroo argaman, karaa IFLO amoo bakka bu’an Jaarraa argamaniiru. Hayya dureen ABO yeroo sanaa Galasaa Diilboo eerga Jaarraan hin argaminne, anis bakka bu’aa waliin hin dubadhu! jedhanii akka dhiisan na hubachisaniiru.

2. Wa’ee Qabsoo Balee ti. wa’een Qabsoo Balee yeroo ka’u namonni hedduun osoo hin beekiin ykn osoo beekanii, Qabsoo sana kan dhaamse J/ Jaagamaa Keelloo akka ta’eetti himu. Jaagamaa Keelloo Qabsoo diddaa garbummaa Balee akka hin dhamisine irraa hubadheera.

Koloneel Alamuu irraa jecha arman gadii kana dhagaheera “bara sna waggoota 8 oliif Mootummaa H/ Silaseen lolaa kan turan gotoota Baleetti, warani biyyittin qabiddu, dubaaf funduraan akka itti dulamu ajajinni H/ Silasee irraa darbee ture. Jaagamaan ajajaa warana waligalaa waan ta’eef, waan deemaa jiru waan beekuuf nu biira dhufee, Jaroonni kun barana dhumun isaanii akka hin ollee nu mirkanneesse. Duubafii funduraan akka marfaman godhameera. dhumuu irra, gara duraas ummani Oromoo ka’i! yoo jedhan ka’uu waan danda’uuf harkan keenisiisa nuun jedhe. nutis dhumuu isaani irra harka keennachuu isanii filanne.” J/ Jaagamaan ammoo H/ Silaseetti dubbatee Qabsa’aa Oromoo Waqoo Gutuu maqaa waliin nagan osoo naminni tokko isaan hin tuqiin harka isaa kennatan.

Namonni bayyeen osoo keessa hin bekiin akka J/ Jaagamaa Keelloo dhamiseetti ibsu. Seenaa Motummoota habashotaa darbanii yoo ilaallee, Oromoota finciila isaan irratti godhan sosobanii ykn kakatanii eerga harka keennachisaniin booda dhabamisiisaa akka turan seenaan ragadha.

Goota oromoo Habishee Garbbaa Meeshaa waranaa Ciibsaanii, kakatanii waadaa galanii eerga harka keennachisaniin booda, kakuu isaanii akka Biishanii dhuganii Abishee mana hiidhaa isanii keessaatti ajjesaniiru.

Gotoota Oromoo Dawwee kan Hasan Ameetiin hogganamu, akkuma sana, hoomitu isiin hin tuqu! jedhanii nagaan gara Qe’ee isanitti eerga deebi’aniin booda, qabanii hunda isanii faniisaniiru. Seenaa Qabsa’oota Oromoo keessatti habashootatti harka kennatanii kan irraa damdamatan yoo jirate Qabsa’oota Baleeti yoo jedhame dhugaa irraa fagachuu miti.

Jaagamaa Keelloo qabsa’oota Baalee harka kennisisaanii rakkoon tokko osoo isaan hin qunaminni, ykn irra hingayiin akka nagaan jiratan godhaniiru. yeroo ammaa Qabsoo Balee kan dhaamse Jaagamaa Keellooti, jechi jedhu sirrii akka hin taane hubataumuu qaba.

Waajjiira ABO Jalduu

Bara 1991/1992 yeroo ABOn Mootummaa Ce’uumsa Ithiopiya keessa jiru, waajironni ABO bakka adda addatti yeroo banaman, hoggantonni ABO fi Koloneel Alamuu bakka hedduu demanii ummata isaniif ibsa keennaa turaniiru. Baatii Onkoloolessa braa 1991 waajjirrii ABO Yeroo Jalduutti banamu, Koloneel Alamuu fi namoni beebekamoon ABO fi bakkoota biroo irraa argamaniiru. Waliga’ii kana nama qindeesse keessaa nama tokko waanan ta’eef Ummani Anaa Jalduu, Ginddabaratii fi Meettaa Roobii hedduminan akka argaman irratti hojjatameera.

Guyyaa seenaa qabeessa kana irratti kan argaman Kloneel Alamuu Qiixxeessaa, Obboo Damisee Kabbadaa (ABO) , Girmaa W/ Giyoorgis Sooddoo Jiddaa bakka bu’dhan (Preezadantii), J/ Jaagamaa Keelloo fi kan birooti. Jaagamaa Keelloo bara Xaalyaanii nannoo sanatti lolaa waan turaniif Ummata anaa Jalduu biratti maqaa guddaa qabu. Ummani Jalduu, Alamuu Qixxeessa fi Jaagamaa Keelloo maqadhan malee, arganii waan hin beekinneef isaan argudhaaf Oromoni dhufan heddudha.

Bakki walga’iin kun itti Qoophawe mana baruumsa Jalduu keessatti yoo ta’u, mana baruumsaa kana yeroo Waldaa-Walgargaarsa Maaccaaf Tulamaa hundeessan, calqaba duraatiif, lafa qaban keennanii kan Ummata Jalduuf ijaarsiisanii, Oromoota nannoo biroof fakkii goddaa kan ta’aniidha.

Hogganuma Koloneel Alamuutiin. dabaree dabareedhan haala yeroo irratti Obbo Damasee Kabbadaa fi bakka bu’aan Oromoota Sooddoo jiiddaa Girmaa W/ Giyorgis erga dubbataniin booda, Jeneeral Jaagamaa Keelloo akka dubatan caarran kennameef. Jaagamaa Keelloo yeroo gara waalittajjitti ol ba’an, Ummani anaa Jalduu, kabajaa isaniif jecha, lafaa ol ka’anii harka rukutuun isaan simatan. Jeeneeraal Jaagamaan Ummata Jalduu irraa kabajaa guddaa argatan.

Jeeneeraal Jaagamaan akkuma dubbii calqabaniin kabajaa Ummata fi Dargaggoota Jalduu irraa argatan mulqaman. Umani Jalduu Osoo Jeeneeraal Jaagaman dubbatanii hiinfiixiin, waalitajjii gadi dhiisanii akka bu’an godhaman. J/ Jaagamaan Dargaggoo Jaalduu kan Hawwiin Blisummaa onnee keessaa dhikkisu funduura dhabbatanii “Ani kalleessas haarras Ithiophiyaan tokkuman jedha” yeroo jedhan saliphiinaan waaltajjii irraa gadi bu’an. Ani bakka isaniin qanawe. Damisee Kabbadaa fi Koloneel Alamuun dubbii gochudhan dargagoota Jalduu dubbii Jaagamatti aaran akka qabbanseessuu godhan.

Seenaan Koloneel Alamuu Qixxeeessaa bu’aa isaan Ummata Oromoof buusan gadi fageenyaan Qormani irratti godhamee kan barreefame miti. Seenaa isanii ammumaan beeku fi ammuman dhaga’e irran waan xinnoo barreessu yaale. Gara funduuraa barreesitioonni seenaa, Qabsoo ummata Oromoo keessatti Qooda addaa kan qaban, Koloneel Alamuu Qiixxeessaa fi gotoota biroo gadi fageenyaan seenaa isaan guutuu barreesanii akka ummata Oromoof dhiyeesan abdiin qaba.

Barataa Rabbirraa Kushaa Ukkaamfame

(Oromedia, Walisoo, 23 Sadaasa 2014)Humnooti tikaa mootummaa Itoophiyaa barataa Oromoo Yunivarsitii Amboo kan damee Walisoo, barataa Rabbirraa Kushaa Bayeechaa,  ukkaamsan.

RabbirraaMaddi keenya akka ibsetti, sababni hidhaa kun fincila biyya keessatti babaláchaa jiruu dha.

Barataa Rabbirraa Kushaa Bayeechaa kan ukkaamfame kolleejjii  Amboo damee Walisoo keessatti barataa  Accounting wagga 1ffaa ti.

Barataan kun yakka tokkoon malee Sadaasa 20, 2014 ukkaamfamee  mana hidhaa magaalaa Waliisoo/Ejerrsa jedhamutti darbame.

Barataan Rabbirraa Kushaa Oromiyaa gidduu galaa aanaa Iluu ganda Bilii jedhamutti kan dhalatee dha.

Yeroo dheeraaf sababaa Oromummaan yakkamaa akka turee fi yaada itti amanu dubbatee baafachuu dorkamaa turuun gabaasi nu gahe addeessa.

Ayyaanni Irreechaa Oromiyaa Lixaatti Kabajame

(Oromedia, 20 Sadaasa 2014) Ayyaanni Irreechaa Oromoo kan bara 2014 Oromiyaa Lixaa magaalaa Naqamteetti haala hooáadhaan kabajame.

Irreecha2014_Naqamte2Oduun bubbulee nu dhaqqabe akka hubachiisetti, ayyaanni Irreechaa kun Sadaasa 16/2014 Malkaa Araaraa irratti kabajame.

Ayyaana kana irratti  Oromiyaa giddu galaa  fi naannoo Naqamtee, akkasumas  barattoota yuuniversitii fi manneen barnootaa garagaraa guutummaatti hirmaatniiru.

Akka gabaasaan keenya ibsetti,  baayinni uummataa kan baranaa kn bara kaanii caala  dachaadhaan kan dabale ture.

Daraggaorttis sirboota aadaa fi warraaqsaa sirbaa akka oolan gabaasaan keenya dabalee hubachiiseera.

Qeerroon akka gabaasettis, dargaggooti Oromoo Ayyaana kana irratti hirmaatan araaraa fi nagaa kadhachuun cinattis mirga isaanii karaa nagaa kabachiifachuu irratti Waaqni akka isaan gargaaruuf kadhannaa godhatanii jiru.

 

Himannes, dhiifnes roorroon nu hin dhiisne

(Sadaasa 19, 2014, Jimmaa) Jiraattoonni magaalaa Jimmaa rakkoolee bulchiinsa gaarii fi loogii sanyummaatiin roorrifamaa akka jiran himatan.

Jiraattoti magaalichaa gidduu kana waltajjii maree Pireezidaantiin bulchiinsa Mootummaa naannoo Oromiyaa Ob Muktaar Kadriin  qophaairratti argaman akka ibsanitti, ummati rakkoolee yoo himates ni hidhama; yoo dhiises rakkooleedhaan gidirfaman.

Gabaasan keenya oromedia akka ibsetti, keessayyuu, waaée bulchiinsa gaarii, waa’ee dhiyeessii Bishaan dhugaatii, tajaajila daandii fi kanneen birootiin hedduu rokkof saaxilamanii akak jiran waltajjicha irratti himatan.

Walatjjii maree  obbo Muktaar Kadiriingaggeeffame kana irratti  hoogganaan Biiroo Bishaan Albuudaafi Enarjii obbo Mootummaa Maqaasaa deebii kennaniin gaaffiin dhimma dhiyeessi Bishaanii irrati dhiyaate sirrii taúu amanan. Furmaataaf garuu bajati mootummaa murteessaa taúu himan.

Umuriidhaan waggaa 184 kan lakkofsifte Magaalaan Jimmaa guddinni ishee haga  umurii ishii hin geessu jedhameera.

Baqatan Oromoo biyya Yaman keessatti of-ajjeese.

(Oromedia, Sadaasa 05, 2014) Maddi Oduu Oromieda akka beeksisetti, baqataan Oromoo maqaan isaa, ABDUNASIR SUFIYAN HUSSEN, ja’amu tajaajila waláansaa waan dhabeef harka isaatiin lubbuu isaa dabarse.

Akka Oduun kun jedhutti, baqataan tun Ji’a kudhan dura naannoo Magaalaa Radaa ja’amtutti rasaasaan rukutamee ture.

1932439_1492163717728623_7724285382891654561_nRasaasni sun lafee duydaa waan dhaweef mudhii gadiin laamshaawee ture.

Haata’tii, baqataan kun sababa Xalayaa Eenyummaa Baqattummaa-Xaleeba (mandate) waan hinqabneef Waajjirri UNHCR damee Sana’aatti Wallaansa sadarkaa duraa malee(rasaasa keesaa baasuu) tajaajila gahaa argachuu hindandeenye.

Akak oduun kun jettutti, baqataan kun achiin booda Ji’a sadihii ol tajaajila fayyaatiin ala haala rakkoo akkana ja’amee himamuu hindandayamne keessa jiraataa ture.

Gara dhumaa keessa waajjira IOM damee Yaman dhaqee tajaajila fayyaa  akka argatuuf hayyameefi illee hubama irraa dandamachiisuu hindandeenye.

Akka kanaan, baqataan kun abdii jiruu fuula duraa isaa dhabuudhaan Sadaasa 04, 2014 lubbuu isaa harka saatiin addunyaa irraa dabarse oduun karaa marsaa facebook Tokkummaa Kominiitii Oromoo Yaman  nu geesse mirkaneessitee jirti.

Oromooti kumaatamaan lakkaayaman biyya abbaa isaanii keessa jiraachuu hanqachuun otuu godaansa irra jiranii lubbuun kan darbu hedduu dha; erga biyya itti godaanan gahaniis dararaaf saaxilamanii, biyya itti baqatan keessatti dhumaa jiraachuun kan beekamuudha.

“Itiyoopiyaan ummata Oromoo Irratti Xiyyaafattee Dararaa Jirti”.

(Oromedia, 29 Onkoloolessa 2014) Gareen mirga dhala namaa addunyaaa AMNESTY INTERNATIONAL  Itiyoophiyaan,  lammiwwan Oromoo -“mootummaa mormitan” sabaabaa jedhuun,  itti xiyyeeffattee haala gar-laafina hin qabneen dararaa irratti geggeessaa jirti jedha.

amnesty“Oromoo ta’uu koo qofaaf”  dararaa fi hiraarsi kun na irratti geggeeffama mata-duree jedhuun ka maxxansame gabaasaan Amnesty International haaraan kan fuula 166 qabu kun akka saaxilutti, lammiwwan saba Oromoo kuma hedduutti lakkaawaman ajaja seeraa ala hidhamuu, himannaa seeraa malee yeroo dheeraaf mana tursiisamuu, humnaan butamanii dhabamsiisamuu, dararaa deddeebi’ee geggeessamuu fi ajjeechaa humnoota mootummaaf saaxilamanii jiran.

Gareen kun akak ibsetti gabaasana kun dhuga-ba’insa namoota dhibba lamaa olii irratti hundaa’ee kan walitti-qabamee dha.

Qorattuun Amnestii Inteernaashinaal Kileer Beeston akka VOAf ibsanitti bara 2011 hanga bara 2014 giddutti Oromoota yoo xiqqaate kuma shan ta’antu hidhame.

Akak Kileer jedhanitti, mootummaan itiyoophiyaa garuu irra deddebi’ee dararaan kun rawwatamuu haala. Silaa dararaa dhaqqabe jedhame kana qorachuutu irra ture jedhu.

Kanaaf jecha gareeleen mirga dhala namaaf falman Tokkummaan Mootummotaa komishinni Afrikaa kan waa’ee mirga dhala namaa dhimma kana gidduu seenanii qorannaa walaba akka gaggeessaniif gaafanne jedhu Kileer Beestoon.

Gabaasaan kun xiyyeeffannoo oduu addunyaa taúun gabaasamaa jira.

Guutummaa Gabaasaa: afr250062014en

Qaanyii: Qabsoo Oromoo Irratti Waraana Baname

(Oromedia, 26 Onkoloolessa 2014) Humnooti qabsoo bilisummaa Oromoo dadhabsisiuu barbaadan karaa addaddaa waraana guddaa qabsoo Oromoo irratti bananuun mirkanaa’e.

Oromedian ragaa qabatamaan kan bira gahe, qabsoon Oromoo humnoota keessaa fi alaatiin haleelamaa jira.

Qabsoon Oromoo kaayyoon isaa bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa mirkaneessuu dha.

Hunooti Itoophiyaa kanaan dura Oromoo fi Oromiyaa garbummaa jala jiraachisuuf kaayyeffatan garuu waggoota 150 oliif qabsoo Oromoo karaa hundaan hidhanii  balleessuuf yaalii godhaa jiran.

Gama kaaniin, qabsoon Oromoo haleellaa gama hundaa dandamatee ka’us, uleen diinaa keessaa fi alaan qabsoo Oromoo haleeluu irraa hin dhaabbanne.

Qabsoon Oromoo akka haaraatti bara 1960moota keessa biqile sadarkaa olaanaa irra kan gahe, bara 1990moota keessa ture.

Yeroo sanattis qabsoo Oromoo sirnaan taliiguu fi galii olaanaa akka argamsiisu taasisuu irratti hojiin hojjatame yaadannoo seenaaa keessa jira.

Garuu, haleellaa diinaa fi haleellaa keessaatiin qabsoon Oromoo akka duubatti deebi’u haallen taasisan amma illee mul’ataa jiran.

Seenaa keessa hubannutti,  bara 1990moota gara jalqabaa keessa Waraanni Bilisummaa Oromoo akka mooraa galu taasifamuun dogoggora seenaa qabsoo Oromoo keessatti hojjatamee dha. Kanuma waliin, qophii tokko mallee ABOn mootummaa ce’umsaa keessaa akka bahuu fi WBOn marfama keessa jiru deebi’ee akka mooraa bahu godhamuun immoo qabsoo Oromoo keessatti dogoggora guddaa hojajtamee qabsoo Oromoo sadarkaa duraatti  miidhee jiruudha.

Sanaan walqabatee rakkooleen yeroo irraa gara yerootti mumul’achaa jiran, waraana keessaa fi alaan qabsoo Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru keessaa kan maddee dha.

Oromedian akkaseenaa qabsoo Oromoo yeroo quncisu, irraa jalaan kan itti bahaa jiru waraana guddaa qabsoo Oromootti banamee jiru mirkane. “Duulli duraa qabsoo Oromoo keessatti afaanfaaffiin akka uumamu gochuu irraa kan madde,” kan jedhan xiinxalaan qabsoo Oromoo tokko,  “dhimma kanaaf, hoggantooti qabsichaa olaanoon gaafatamummaa guddaa qaban. Keessayyuu, kanneen akka Ob Leencoo Lataa qabsoo Oromoo sirnaan gaggeessuu irra afaanfaajjiin qabsoo Oromoo keessatti akka dagaagu gahee guddaa xabatanii jiru,” jedhan.

Iti dabaluunis, “alagaa biyya Oromoo cabsee saba Oromoo ajjeesaa jiru waliin hariiroo dhokasaa uummachuu irraa kaasee ajaja dhaabaan ala akka fedhanitti diina waliin dubbachuun hojiin qabsoo Oromooa akka danqaa keessa seenu taasisan,” jechuun miidhaan qabsoo Oromoo irra gahe ibsan.

Gama kaaniin, mooraan qabsoo Oromoo akka deebi’ee hin tasgabboonfe, karaa keessaanis ta’ee alaa duula itti banuun namooti cichoomina qaban akka qabsoo irraa fagaatan shira walirratti gaggeessuun mul’ate jira.

Haallen  kunneen  akka murnooti haaraan ABO keessaa bahan taasise.  Caalattiyyuu,  jaallan irbuu waliif  seenaanii diinatti bobba’an akka qawwee isaanii walitti deebifatan taasise.

Duulolin ddina akan yeroo hunda itti fufee jiruu dha. Kan keessaa immoo, darbee darbee kan dhalatu ta’us, miidhana isaa hedduu guddaa dha.

“Haalli kun yeroo addaddaatti ifaan mul’atee jira. Yeroo  duraatiif bara Jaarraa keessa dhalate. Yeroo lammaffaaf immoo bara Galaasaan fincile ta’e. Bara Kamaal  fincile immoo yeroo sadafffaaf dhalate,” jechuun qabsoo Oromoo keessatti waraana keessaan banameen miidhaa gahe yaadachiisan.

Akka kanaanis yeroo murni ABO qaama Ce’umsaa jedhu dhalate, WBOn bakka lamatti walqoodee walwaraane; waraanni murna Qaama Ce’umsaa jala hiriires  baqatee alagaatti harka kennate.

Akka yaadatamu, WBO yeroo duraatiif qawwee isaa kan walitti gargalche, bara Jaarraan ABO irraa bahee jaarmiyaa Adda Bilisummaa Islaamummaa Oromiyaa hundeesseedha.

Dhibdeen kun yeroo irra gara yerootti babal’achuun, bara 2008 keessa jeequmsa sadarkaa olaanaatti qabsoo Oromoo miidhe dhalche. Akka kanaanis yeroo sadaffaaf qawwee walitti gargalfate; yeroo lammaffaaf immoo waraanni bilisummaa Oromoo hogganoota waliin diinatti harka kennate.

Duulli kun akkanaanis hin dhaabbanne.

Humnooti hafan maqaa qabsoo Oromoo dhawachaa lagaa Oromoo cabsee itti geeraru jalatti kufan. Kaani immoo maqaa qabsoo oromoo fudhatanii waan saba Oromoo qaanessu hojajchuu hojii guyyuu godhatan.

Mooraa qabsoo oromoo goolaa kan turan hogagnooti gariin immoo maqaa dhaaba biraa dhaabanii qabsoo oromoo agra dabsuuf hojjachuu itti fufan.

Hoggantoota Oromoo sadarkaa duraatti qabsoo Oromoo gooluun maqaa dhawaman keessaa tokko Ob leencoo Lataa fi Ob Diimaa Nagoo ti. Jarri kun  har’a haga OPDOn biyya keessaa gaafachaa jirtu illee gaafachuu hanqatanii jiru.

Qabsoo sabaa dantaa nama tokkoon yoo jijjiiranii fi yoo dabarsanii qaanessanii fi cabsan argamaa jiran. Ob Leencoon Ob Ibsaan hidhaa baasa jedhee otuu WBOn kuma digdama ta’u hidhaa keessa jiru biyyatti gale. Ob Diimaan du’agahii dhaquuf qabsoo Oromoo dhiigdi meeqa itti dhanga’e deebisee salphise.

Humni waraana diinaa keessaa cabsatee qabsoo Oromootti dabalames, aaadaa saalfachiisaa kana saalfii fi qaanii tokko malee daran babal’ise; gochaa hamaa duraan diina waliin qabsoo Oromoo irratti raawwate caalaa waaroo qabsoo golgaa godhatee qabsoo Oromoo miidhaa jira.

“Fakkeenyaaf, Kamaal Galchuu qabsoo Oromoo keessatti hokkora kaasuu fi lubbuun qabsaa’ota hedduu akka dhabamu taasisee jira. Kamaal ammas biyya itti baqate keessaa olola kijibaatiin mooraa qabsoo Oromoo akka gooletti jira,” kan jedhe dargaggoo Amaan Magarsaa,”sabni Oromoo jarreen guyyuu dantaa isaa miidhan kana ofirraa dhaabuu qaba; jarreen kana beekee, qabsoo isaa tifkachuu fi eeggachuu irratti hojjachuu qaba,” jedhee jira.

Qeerroon Bilisummaa akka ibsetti immoo, dhalooti Qubee  qabsoo Oromoo tiksuu callaa otuu hin ta’iin dhaaluuf yeroon itti of-gahoomsuu qaban amma. “Yeroon kun yeroo qabsoo keenya jabeessinee tiksinuudha. Kana caalas, kanneen itti gaafatamummaan itti hin dhagayamne adda baafnee beekuun irraa of eeguu qabna. Bakka jirrutti qabsoo dhaaluufis of qopheessuu qabna.”

Yeroo diinni laafee jirutti, qabsoon Oromoo daran of-jabeessee tarkaanfachuun irra jira.Dhalooti haaraas humnoota jilbeeffattoota, lootugaltootaa fi ayyaanlaallattota irraa eegee qabsoo haqaa abbootii isaatiin eegalame  fardeessuu qaba.

Ummati Oromoo kanneen haqaan qabsoo saba gaggeessan adda baafatee, deeggaruu fi  bira dhhaabbachuu qaba; diina kaayyoo  immoo ifatti mormuu aadeffachuu qaba. “Haga humnoota qabsoo Oromoo keessa dhokatanii jiran kunneen hin saaxilletti haleellaa fi jeequmsi qabsoo Oromoo irraaa hin dhaabbatu.”

 

 

Haloo Daawwee, ‘Maaloo Na Dhaqqabaa,’ Jetti.

(Oromedia, 23 Onkoloolessa 2014) Kutattuu Arfan qalloo, Haadha qabsoo Oromoo kan taate  Wallistuu Haloo Daawwee dhukubsattee gargaarasa lammummaa gaafachaa jirti.

Haloo DAawweewith Jitu Dhabessa @ Finfinnee- 2003

Haloo Daawwee with Jitu Dhabessa
@ Finfinnee- 2003

Haloo Daawwee wallistuu Oromoo wayita Afaan Oromoo dubbachuun saalfii /qaanii/ ture, afaan isheetiin boontee, waltajjitti baatee eenyummaa saba Oromoo mul’suu keessatti  qooda guddaa bahaa jirtuudha.

Sagalee kiloolee sanaan waltajii raasaa kan turte Haloo Daawwee, yeroo ammaa kana  dukkubsattee siree irratti haftee jirti.

Ummata Oromoo jaalachuu fi kabajuun kan beekamtu Haloon, jireenya ishiis waanuma jaalattuu fi kabajju irratti akak dabarsite kanneen seena aishii quba qaban nuuf himanii jiru.

Waltajjii argamtu irratti ummata bohaarsuu fi daaímamn hamamttee mararsiifahcuu fi fakkeenya gaarii ta’un illee akka beekamtu kanneen dhiyeenyatti beekan kan ragaa bahaniidha.

Guutummaa jireenya ishee dhimma OROMOO FI OROMUMMAA irratti of kennitee hojjachaa kan jirtu Haloo Dawwee yeroo dhukkubsattee siree irratti hafte kanatti abdiin Ummata Oromoo taée jira.

Lammiin gaarii kan abdatan taúu sirboota ishii keessatti himaa kan jirtu Haloon, yeroo mara waan Oromoo fi Oromummaa guddisu irratti waan qabdu mara gumaachaa jirti.

Namooti gargaaruu feetan karaa Bilbilli ilma Haloo Daawwee: GUUTAMAA +251 937 513 560 jettanii akka qunnamtan waamichi lammummaa isiniif darbee jira.

Gabaasa Addaa: Imala Dr Diimaa Nagoo

(Gabaasa Addaa Finfinnee, Oromia, 22 Onkoloolessa 2014) Mootummaan wayyaanee du’a aadde Tsahay Tolasaan wal qabatee dhimma deemaa jiurtti hedduu gammaddee jirti. Keessayyuu, Ob Diimaa Nagawoo biyya keessatti argamuu isaatti qondaaltoti Tigiraay gammaduu isaaniitu dhagayama. Mootummaan kan gammade, Diimaan biyyatti galuu isaatiin miti. Kan mootummaa gammachiise, Diimaadhaan qabatee ijannoon ABO fudhatama kan hin qabne fakkeessee hololuuf taúun bira gahaameera.

Odeessi nu gahaa jiru akka ibsutti, marii mootummaa waliin godhame keessaa kan bira gahame hagi tokko ni jira. Maddi keenya qoratee kan bira gahe immoo kan kanaa gaditti jiruudha.

Akkuma beekamu, haati warraa Diimaa Nagawoo Kuulanii Guddinaa haatii ishee boqochuu ykn du’uu irraan abbaa warraa ishee Diimaa Nagawoo waliin sirna awaalcha haadha ishee aadde Tsaahay Tolasaa  Onkoloolessa 15/2014 raawwatamu irratti argamuuf guyyaa jedhame kana ganama Finfinnee kan seene.

Dr Diimaa Ngoo fi Abbaa Duulaa Gammadaa

Dr Diimaa Ngoo fi Abbaa Duulaa Gammadaa

Egaa Diimaa Nagawoo du’a amaatii isaa firoottan isaanii kan dhiyoo fi fagoo bakka awwaalcha Abuna Pheexiroos jedhamutti kan xumurame irratti argamanii jiru. Sirni awwaalcha isaanii (Aadde Tsahay Tolasaa) erga xumuramee booda obbo Alamaayyoo Katamaa Diimaa Nagawoo dabalatee firoottan jiran hundumaa bakka boqonnaa isaaniif qopheessuu fi kan akka Diimaa Nagawoo mana isaatti fuudhee galuudhaan akka of bira kan boqochiiseedha.

Bakka boqonnaa isaanii kanatti firoottan isaanii fi hojjetooni mootummaa garagaraa akkasuma qondaalonni wayyaanee OPDOn achitti kan wal gayanii Diimaa Nagawoo waliin yaada adda addaa irratti marii kan gaggeessaa turaniidha. Qondaalonnis mootummaa kun bakka kanatti kan argaman ykn nama Diimaa Nagawoo jedhamu kanas akka quunnaman kan taasise  Alamaayyoo Katamaa ti.

Alamaayyoo Katamaa eenyu?

ALamaayyoo Katamaa abbaa warraa obboleetti Dr Diimaa Nagawoo (abbaa warraa Leensaa Guddinaa) yeroo tahu,  biyya keessa seenuu Dr Diimaa Nagawoof sababa kan tahee fi viisaan akka kennamuuf kan taasise nama kanaadha. Nama kanaa fi mootummaa gidduu tahuudhaan gahee guddaa taphachaa kan ture tahuu isaa maddi odeessa kanaa ibsa.

Dabalataan Dr Diimaan biyya keessa; Finfinnee akka seeneen konkolaataa qopheessee afeerraa guddaan akka godhamu kan gargaare Alamaayyoo Katamaati,akka tasaas reeffi aadde Tsahay mana obbo Alamaayyoo waan tureef Diimaan akka biyya seeneen kallattumaan mana Alamaayyoo dhufe,sirni awwaalcha aadde Tsahay erga xumuramee booda hundumtuu kan boqote mana obbo Alamaayyoo Katamaati.

Hanga onkoloolessa 19tti bakki turmaata Dr Diimaa fi firoottan isaanii hunduu mana Alamaayyoo Katamaa yoo tahu bakka boqonnaa isaanii mana obbo Alamaayyoo kanatti firoottan walitti dhiyoo hunda bakka kanatti wal arganii turan.

Haala haasaa adeemsisamaa ture keessatti Dr Diimaan kaayyoo mootummaan deemuuf fedhii akak qabuu fi, waan barbaadameef itti walii galuu isaa haalaan kan mirkanaa’eedha.

Dr Diimaan biyya keessa akka seenuuf Alamaayyoo Katamaa Obbo Abbaa Duulaatti deddeebisee bilbiluudhaan, haasofsiisuudhaan namni kun biyya akka seenuuf iyyamaa fi walii galtee Abbaa Duulaatiin Diimaan biyya seene. Biyya seenuun Diimaa akka milkaaúuf warra taasisan keessaa Abbaan Duulaa isa tokkoo dha.

Walitti dhufeenyi Abbaa Duulaa fi Alamaayyoo Katamaa

Abbaan Duulaa akkuma beekamu peresedaantii oromiyaa kan ture. Walitti dhufeenyi isaanii jabaa taáa kan dhufe yeroo san irraa eegalee ti. Keessaayyuu, walitti dhufeenyi isaanii malanmaltummaa dantaa dinagdee irratti ijaarame.

Ragaan qabatamaa akka ibsutti, Alamaayyoo Katamaa fi Gamshee Bayyanee waliin tahuudhaan Abbaa Duulaa Gammadaa, Juunaddiin Saaddoo fi namni biraan tokko maqaan isaa kan hin beekamne  fi abbaa taayitaa naannoo godina addaa Finfinnee Sandaafaa kan ta’e Injineer Mallasee Haayileetiin bakka bu’iinsa namoota dhuunfaa sadanuutiin gamoo tokko ijaaranii Abbaa Duulaaf akka kennamuuf godhan.

Dr Diimaan Misooma Itoophiyatti Gammade

Abbaan Duulaa Gammadaa Dr. Diimaa waliin akka wal quunnameeen dhimma addaddaa irratti haasawan. Haasaa kana keessatti Dr Diimaan yeroo ammaa kana keessatti Itoophiyaa keessatti misooma dhufaa jiruu fi haala biyyattii ilaalchisee hanga eegeen ol tahuu isaa dubbate.

Kana malees, waan arge  hundaatti gammaduu isaa ibsaafii ture. Kana dabalee, gammachuu qabuu fi haala misooma biyyaa namoota addaddaa waliin yeroo ibsu dhagayamee jira. Abbaan Duulaa garuu mata dureewaan adda addaa dhiyaatan irratti waan Dr Diimaan haasa’e irratti gammadoo ta’uu illee, hagas bakka kan itti hin laanne akka tahe odeessaan nu gahe kun ni ibsa.

Dr Diimaan Muktaar Kadir waliin Walarge

Pirezidantii Caffee Oromiyaa kan taé Ob Muktaar Kadiris mana boo’ichaa gahuun Dr Diimaa waliin akka wal quunname kallattumaan odeessi kan ibsu.  Muktar Kadir Dr Diimaa waliin waa hedduu dubbachu isaa fi mata dureewwan hedduu iccitawaa tahe irratti kan dubbataa turaniidha.

Dr Diimaan qondaaltota mootummaa Itoophiyaa waliinis walargee akka dubbate beekameera.

Dr Diimaan Misooma Itoophiyaa Dinqisiifate!!

(Oromedia, Finfinnee, 22 October 2014) Dr Diimaa Nagawoo misooma Itoophiyaa keessatti deemaa jiurtti hedduu gamamduu isaa keessa beektoti saaxilan.

Dr Diimaa Nagoo

Dr Diimaa Nagoo

Akka odeessi nu gahe ibsutti, Dr Diimaan qondaaltota OPDO keessaa Abbaa Duulaa Gammadaa fi Muktaar Kadir waliin walarganii maryatanii jiru.

Walqunnamtiin kun akka milkaaúuf gahee guddaa kan xabachaa jiru, Ob Alamaayyoo Katamaa ta’úun beekameera.

Akka odeessi nu dhaqqabe ibsutti, Dr Diimaan guyyaa  Finfinnee seene irraa kaasee namoota ijaarsa ODF leellisanii fi qondaaltota OPDO waliin marii iccitaawaa gaggeessaa jira.

Maddi keenya akka ibsetti, namoota Dr Diimaa waliin walitti dhiyaatanii marii irra turan tokko tokkoon bira gahee gabaasee jira.

Dr Diimaan marii warra OPDO fi qondaaltota TPLF waliin godhe keessatti guddina Itoophiyaatti hedduu gammaduu isaa dubabtee jira.

Dr Diimaa Nagoo fi Abbaa Duulaa Gammadaa

Dr Diimaa Nagoo fi Abbaa Duulaa Gammadaa

Dr Diimaan waadaa cimaa mootummaa waliinseenuuf yaalii guddaa godhus, amma illee OPDO fi TPLF biratti ija shakkiil ilaalamaa fi hordofamaa akka jiru maddi keenya ibseera.

Dr Diimaan garuu kaayyoo mootummaa fudhatee biyya keessatti hojjachuuf murteeffatee akka jiru  odeessi nu gahe mirkaneessee jira.

Warri Mootummaa akka Dr Diimaan karaa telvizyinii Itoophiyaa dhiyaatee ibsa kennuuf  irratti hojjachaa jiru jedha, maddi keenay.

Odeessi dabalataan nu gahe akak addeessutti, Dr Diimaan akka biyya seenuuf kan akka riqichaatti gidduu deemee haala mijjeesseef Ob Alamaayyoo Katamaa dha. Karaa mootumama Itoophiyaa immoo dhimma kana Ob Alamaayyoo waliin akan raawwachiise Abbaa Duulaa ta’uun beekamee jira.

(Dhimma kana irratti iccitiin guddaa harka keenya galee jira. Yeroo gabaabaa keessatti qindeessinee isniif dhiyeessinaa, nu hordofaa!!)

%d bloggers like this: